Dirooniiwwan Yuukireen Raashiyaarratti haleellaa bal’aa raawwachuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Guyyaa har’a dirooniiwwan yuukireen naannoolee Raashiyaa ja’atti haleellaa bal’aa gaggeessuun gabaafame.

Buufata xiyyaaraa Magaalaa Piiskoov naannawaa Baha Raashiyaatti argamutti haleellaa raawwatameen xiyyaarota loltootaa deddeebisan irra miidhaan qaqqabuu Aljaziiraan gabaaseera.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa, haleellaan diroonii Yuukireen raawwatte erga bara darbeetii isa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis naannawaa Magaalaa Handhuura Raashiyaa Mooskoo dabalatee, Biraayaansik, Raayaazaanii fi Kaaluugaatti dirooniiwwan rukutanii kuffisuu himaniiru.

Raashiyaatti baatii tokko keessatti haleellaan misaa’elaa fi diroonii olaanaadha jedhame Yuukireen Magaalaa Kiyeevitti raawwachuun eerameera.

Kantiibaan Magaalaa Kiyeev Viitaalii Liliichook gama teelegiraamaan akka barreessanitti haleellichaan lubbuun namoota lamaa yoo darbu namni tokko madaa’eera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment