Dippiloomaatoota fi Ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa, Eeshiyaa fi Paassifikii teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif ibsi laatame

Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) – Hawaasa Dippiloomaasii fi Ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa, Eeshiyaa fi Paassifikii teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif haala waqtaawarraatti ibsi laatameera.
Haala nageenyaa fi Tasgabbii magaalichaa ilaalchisee ibsi taasiifameera.
Nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa eegsiisuuf Humnoonni nageenyaa magaalaa Finfinnee, Poolisiin Fededraalaa, Eegdoonni humna Rippaablikaanii, Poolisiin Oromiyaa fi qaamoleen nageenyaa federaalaa biroo waliin ta’uun qindoominaan hojjechaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Qana’aa Yaadataan ibsa taasiisaniiru.
Dargaggoonni kumni 27 olii fi Raayyaan Ummataa naannoo isaanii akka eegan hanga sadarkaa gadiitti gurmaa’uun gara hojiitti galuu isaanii Dooktar Qana’aam himaniiru.
Finfinnee fi naannawaan ishee nageenya amansiisaa qabaachuu kaasaniiru.
Ololli Miidiyaaleen biyyoota Lixaa fi gareen shororkeessitootaa oomishuun tamsaasaa jiraniif haalli qabatamaan lafarra jiru kan wal hin gitne ta’uu ibsa taasiisaniiru.
Hawaasni Dippiloomaasii dhimma nageenyaan wal qabatee yaadda’uu akka hin qabne hubachiisaniiru.
Yeroo itti aanu hawaasa Dippiloomaasii teessoo isaanii Finfinnee taasiisan biroof ibsi walfakkaatu kan laatamu ta’uu Itti aanaan Kaantibaa fi hogganaan Biiroo Hojii, Intarpiraayizootaa fi Misooma Indaastirii magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbay ibsaniiru.
Kallattii hundaan bulchiinsi magaalichaa caasaalee Raayyaa Ummataa garaagaraa sadarkaan jiru leenjisuun aanaalee magaalicha hunda keessatti bobbaasuun jijjiirramni qabatamaan dhufuu hawaasa dippiloomaasii kanneeniif ibsi ga’aan taasiifamuu Ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment