Dippiloomaatoonni haala yeroo Addunyaa waliin tarkaanfachuu qabu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015 (FBC)- Dippiloomaatooni biyya isaanii bakka bu’anii tajaajilan haala yeroo addunyaa waliin tarkaanfachuu qabu jedhame.

Leenjiin dippiloomaatoota buleeyyii fi giddugaleessaaf kennamuu eegaleera.

Waltajjicharratti, Pireezidaantiin Giddugala Hoggansa Afrikaa Dooktar Mihirat Dabbabaan biyyi keenya waraana keessa ba’uun yeroo murteessaarra jirti jedhanii, yeroon ammaas yeroo hojii dippiloomaasii olaanaa gaafatu ta’uu himan.

Waraana dippiloomaasii Itiyoophiyaa irratti banamee injifachuufis dippiloomaatoonni beekumsa dippiloomaasii yeroon gaafatu gonfachuun hojjechuun akka barbaachisu hubachuun leenjiichi akka qophaa’e himaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon gama isaaniin waggoottan afran darban Ityoophiyaan dhiibbaa dippiloomaasii hedduu kan itti keessummeessite ta’uu himaniiru.

Hojii dipploomaatotaan hojjetameen garuu Itiyoophiyaan injifattee faayidaan biyyaalessaafi birmaadummaan ishee eegamee har’a gahuu danda’uu yaadachiisan.

Ammas Ityoophiyaan dhugaa qabaattus biyyoonni muraasni miidiyaalee isaanii waliin ta’uun duulaa bananii jiraachuu kaasuun, dhiibbaa kana qolachuuf dippiloomaasiin dursanii argamuudha jedhan.

Kana galmaan ga’uuf dippiloomaatoota beekumsaafi haala yeroo addunyaa hubatan horachuun barbaachisaa tahuu eeraniiru.

Ministeerichi dargaggoota irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira kan jedhan Ambaasaaddar Burtukaan, dargaggooni haala yeroo siyaasa addunyaa hubatanii faayidaa biyya isaanii akka eegsisaniif hojjatamaa jira jedhan.

Leenjichi Giddugala Leenjii Hoggansa Afrikaatti mata duree “Anis Biyya Koof” jedhuun kennamuu eegaleera.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment