Dippiloomaatonni biyya baraaruuf ittigaafatamaa bahachuu qabu-Amb. Burtukaan Ayyaanoo

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Dippiloomaatonni ergama kennameef ga’umsaan hojirra oolchuun sochii biyya baraaruu keessatti ittigaafatama isaanii bahachuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo ibsan.

Hojjettoonnii fi dhaabbileen itti waamamtootaa Ministeeraa Dhimma Alaa haala yeroo biyyattiirratti mari’ataniiru.

Maricharratti Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo haasawaa taasisaniin, hojjettooni hundi haqa Ityoophiyaa hawaasa idil addunyaa hubachiisuun biyya isaaniif dhaabbachuun gahee gama isaanii akka bahatan ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeericha Ambaasaddar Tasfaayee Yilmaa gama isaaniin, mootumman Ityoophiyaa furmaata nageenyaaf fageenyaa dheera imaluu ibsanii, walitti bu’iinsi deebi’ee ka’uutti shororkeessaan ABUT ka’umsa ta’uu eeraniiru.

Mootummaan gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti marii nageenya taasisuuf qophii ta’uu eeruu isaanii ragaan ministeericharra argame ni mul’isa.

Hirmaattonni marichaas mootumman filmaata nageenyaa dursuun sirrii ta’uu ibsanii, damee dippiloomaasiin gahee isaanirra eegamuu bahachuuf akka tattaafatan mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment