Dippiloomaasii diinagdee, siyaasaafi aadaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetama-Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Amajjii 3, 2015(FBC)- Dippiloomaasii diinagdee, siyaasaafi aadaaf xiyyeeffannoon kennamee kan hojjetamu ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.

Obbo Dammaqaa Makonnin sochii hariiroo alaan dippiloomaasii diinagdee, siyaasaafi aadaaf xiyyeeffannoon kan kennamu ta’uu beeksisaniiru.

Obbo Dammaqaan mata duree “ Dippiloomaasii Ityoophiyaa Haala Qabatamaa Addunyaa Ammaan” jedhurratti ibsa taasisaniiru.

Haaluma kanaan dippiloomaasii diinagdee, siyaasaafi aadaafi ispoortiin xiyyeeffannoon kennamee kan hojjetamu ta’uufi Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa dabalatee dhaabbilee ijoo biyyattii bobbii hojii milkaa’aaf fayyadamuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Imaammanni Dhimma Alaa rakkoolee idil addunyaa keessa akka ce’uuf haala qabatamaa biyya keessaa ka’umsa godhachuun biyyoota ollaarratti xiyyeeffachuuniifi waltajjiiwwan hundagaleessarratti hojii faayidaa biyyaalessaa Ityoophiyaa eegsisuurratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment