Diinagdee biyyattii hirkattummaa jalaa baasuuf hojiileen xiyyeeffannoo barbaadan jiru jedhame

Finfinnee, Hagayya 18, 2014(FBC)- Diinagdee biyyattii hirkattummaa biyyoota alaa jalaa baasuuf hojii mootummaan hojjechaa jiru jajjabeessaa ta’us hojiileen xiyyeeffannoo barbaadan jiraachuu hayyoonni ibsan.

Hojii qonnaa gara qonna makaanaayizeeshiniitti jijjiiruu, indaastirii guddisuufi dameelee bu’aa fooyya’aan irraa argamuu danda’u irratti teekinooloojiin deeggaramuun fooyyessuun yaadota hayyoonni kunneen kaasanidha.

Gamtaa Awurooppaatti Gorsaa Bulchiinsa Sodaa Balaa Dooktar Guutuu Teessoon, karoorri oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu dhugoomsuuf qonna ammayyeessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Yuunivarsiitii Yuuniitiitti barsiisaan Ikonoomiksii Obbo Faasil Xaasaw gamasaaniin, dameen barnootaas karoora hirkattummaa dinagdee jalaa bahuufi nyaataan of danda’uu deeggaruu akka qabu kaasaniiru.

Sirna barnootaa keessatti kalaqaafi teekinooloojii haaraaf xiyyeeffannoon laatamuu akka qabu ibsaniiru.

Tigist Abrihaamtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment