Finfinnee, Waxabajjii 16, 2013 (FBC) Dimookiraasii shaakaluuf filannoon ammaa gahee guddaa akka taphatu hayyoonni Seeraa Yuunivarsiitii Gondar himan.
Filannoon marsaa 6ffaa biyyaaleessaa baranaa Kan kana duraarraa adeemsarraa jalqabee Diimookraatawaa akka ture fi diimookiraasii shaakaluufis gahee guddaa akka taphate Yuunivarsitii Gondaritti hayyoonni fi barsiisoonni seeraa yaada isaanii FBCtif kennan dubbataniiru.
Adeemsa filannoorraa eegalee guyyaa filannoos ta’e filannoo booda rakkoon nageenyaa ni uumama jedhamee yaadda’aamaa turullee yaaddoon ture sun hanga harraatti osoo hin mu’latiin darbuusaa himaniiru.
Haala nagaatiin akka xummuramuuf immoo gaheen lammiilee hundaa guddaa waan ta’eef ammas filannoo booda akka itti fufu akkuma kana duraa gaheesaa bahuu qabaa jedhaniru.
Paartiileen mo’aman sagalee uummataa kabajuu fi filannoo itti aanuuf qophaa’uu akka qabaniis himaniiru.
Paartiin mo’e immoo fedhii fi gaaffii lammilee isa filatan qofa osoo hin taane kan isa hin fillees qixxeetti dhaggeeffachuu fi guutuu akka qabu dhaamaniru.
Daagimaawwii Deksisaatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna