Dimitiir Medveedeev balaa Sigiga lafaa Godina Goofaatti mudateen gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC) – Dura Taa’aan Paartii Gamtaa Raashiyaa Dimitiirii Meedveedeev balaa Sigiga lafaa Godina Goofaatti mudateen gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Dimitiirii Meedveedeev Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Gazzee Goofaa Ganda Keenchoo Saachaa Gozditti balaa sigiga lafaa mudateen miidhaa qaqqabeen gaddi cimaan itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Maatiiwwaaniifi firoottan lammiilee balichaan miidhaamaniif jajjabina hawwaniiru.

Comments (0)
Add Comment