Dilbiiwwan Hawwata Tuurizimii Oromiyaan qabdu misoomsuun diinagdee keenya bu’uura cimaa irratti ijaarra – BKO

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC) – Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa dilbiiwwan hawwata tuurizimii Oromiyaan qabdu misoomsuun diinagdee keenya bu’uura cimaa irratti ijaarra jechuun ibseera.

Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Biyyoonni Addunyaa hedduun qabeenya uumamaafi namtolchee qabanitti fayyadamuun Tuuristoota hawwatanii diinagdee isaanii utubu. Damicha teeknoloojiin ammayyeessanii bu’uuraalee misoomaa sirnaan diriirsuudhaan madda galii olaanaa kan argataniifi maqaa gaarii biyya isaanii kan ittiin ijaaranis hedduudha. Biyyi keenyas ta’e naannoon keenya Oromiyaan qabeenya uumamaafi namtolchee ajaa’ibsiisoo hedduu qabaattus damichaaf xiyyeeffannoon waan hin kennamneef yeroo dheeraaf qabeenya qabnu arguu dhabnee jiraachaa turre. Akkuma Oromoon “Warqeen harkaa qaban hamma sibiilaati” jedhu qabeenya Tuuriizimii dilbii diinagdee biyyaa utubu dagannee bu’aa barbaadamu osoo irraa hin argatin jiraachaa turre.

Jijjiiramaan booda xiyyeeffannoo hooggansa Muummicha Ministeeraa Dr Abiyyi Ahimadiin kenname hordofee Mootummaan Naannoo Oromiyaa diinagdee damdaneessa hojii irra oolchuun imala badhaadhinaa milkeessuuf hojjechaa jira. Gooroowwan damee diinagdee damdaneessaa kunneenis Qonna, Manufaakchariingii, Tuuriizimii, Albuudaafi Teeknolojii Odeeffannoo yoo ta’an imala kanaanis bu’aalee jajjabeessoon argamaa jiru. Dameelee shanan heddummina diinagdee xiyyeeffannoo mootummaa argatan keessaa tokko Tuuriizimiidha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas Sektarri Tuuriizimii dilbii hin tuqamne ta’uu hubachuun kan dhokfaman saaqee, kan awwaara uffatanis irraa hurgufee, caaseffamaan tumsee inisheetiiviiwwaniin deeggaruun qabeenya Oromiyaan qabdu bu’a qabeessa taasisuun utubaa diinagdee taasisaa jira.

Hojiin Turiizimii faayidaa diinagdee qofa osoo hin taane aadaa, duudhaa, safuufi seenaa falaasama jiruufi jireenyaa uummanni keenya qabu ilaalama guutuun Addunyaan akka hubatu kan taasisu ta’uu hojiiwwan waggoota sadeen darbe hojjenne irraa hubachuu dandeenyee jirra. Jijjiiramaan as xiyyeeffannoo damee kanaaf kennameen dhaabbileen tajaajila Tuuriizimii kennan akka babal’atan haalli mijateeraa, damichi qorannoowwaniin akka tumsamu hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru. kana malees, misoomsuufi beeksisuu irratti tumsa bal’aa taasifameen jijjiiramni argaa jirru jalqabbii gaariidha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa milkaa’ina damee kanaan argamaa jiru cimsuuf Godinaalee Oromiyaa 12 keessatti paarkiiwwan haaraa 24 lafa hektaara kuma 500 ol irratti hundeessuun akkasumas iddoowwan Ikoo- Turizimii 18 lafa hektaara kuma 100 fi kuma 17 ol misoomsuufi beeksisuuf adda baaseera. Kunis qabeenya Turiiziimii qabnutti fayyadamnee diinagdee saffisiisuu, madaallii uumamaa tiksuufi fayyadamummaa uummata keenyaa cimsuu akkasumas safuufi eenyummaa uummanni keenya qabeenya uumamaa tiksuu keessatti qabu olkaasee kan mul’isudha.

Paarkiiwwan gurguddoo guutummaafi gartokkeen naannoo keenya keessatti argaman sirna eegumsaaf kunuunsa isaa cimsuun misoomsuufi madda galii taasisuu irratti xiyyeeffannoo guddaan kennameera. Kanaanis hawwataalee dinqisiisoo ulfoo Oromiyaan qabdu misoomsinee imala badhaadhinaa milkeessuf mootummaan naannoo keenyaa kutannoon hojjechaa jira. Imala damee kanaan eegalleen haala mijaawaa umamaa jiruun yaa’iinsi Turistootaa dabalaa dhufeera. Tuuristoonni Idil-Addunyaa hedduun, qorattoonniifi dhaabbileen garaa garaa ija isaanii gara keenyatti akka deebifatan taasisaa jirra. Pirojektii Guddichi Maaddii biyyaa kaka’umsa muummee Ministeera Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahimadiin Hara Wancii irratti ijaaramaa jirus kanaaf fakkeenya guddaadha.

Kanaaf, humna namaa gahaa, qilleensa mijaawaafi hawwattummaa naannoon keenya qabdu fayyadamnee diinagdee jabaa ijaaruuf uummanni naannoo keenyaa hundi badhaadhina maatii milkeessee badhaadhina biyyaa cimsuuf xiiqiin akka hojjetu waamicha dhiyeessina.

Karoorri Imala Badhaadhinaa dafqa uummata keenyaan galma barbaadame ni ga’a!

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Sadaasa, 2016

Finfinnee

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment