Dilbii qabnu barree, ariitii, qulqullinaafi baayyinaan hojjechuun, badhaadhina hawwinu ni dhugoomsina – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 17, 2015 (FBC) – Dilbii qabnu barree, ariitii, qulqullinaafi baayyinaan hojjechuun, badhaadhina hawwinu ni dhugoomsina jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Godina Buunnoo Baddallee Aanaa Baddalleetti Inisheetivii Misooma Ruuzii akka Inisheetivii qonnaa dabalataatti labsuu ibsaniiru.

Hooggansi jijjiiramaa, Imala badhaadhinaa qabate milkeessuf hojii hojjechaa jiruun, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun dhimma ijoo ta’uu hubachuun, oomishaalee baraman cinaatti, oomisha haaraa ta’an jalqabuun isaa ni yaadatama.

Oomishni Ruuzii waggaa lama dura lafa heektaara kuma 6 irratti jalqabe yeroo ammaa heektaara miiliyoona 1 irraan ga’uu eeraniiru.
Bara oomishaa 2016/17 irraa jalqabnee ruuzii biyya ala sharafa guddaan galchinu guutumatti kan hambifnu ta’a jedhan.

Tarkaanfiilee addaa (Inisheetivoota) kan jalqabne deemsa barame keessaa baanee, dilbii qabnu barree, ariitii, qulqullinaafi baayyinaan hojjechuun, badhaadhina hawwinu dhugoomsuufi jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment