Diippiloomaatoni adeemsa seera kabachiisuurratti hawaasa idil addunyaatif hubannaa uumuu beeksisan.

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) –  Diippiloomaatoni adeemsa seera kabachiisuurratti hawaasa idil addunyaatif hubannaa uumuu beeksisan.
 
Itti aanaan muummee ministiraa fi ministirri dhimma alaa FDRI obbo Dammaqaa Makoonnan hoggansa ergama diippiloomaatiikii waliin marii weebnaarii gaggeessaniiru.
 
Ergaama seera kaabachiisuu naannoo Tigraayiti gaggeeffamaa jirurratti mari’ataniiru.
 
Garee badii ABUT irratti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu, yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf fudhatamurrtti hubannaa walqixa uumuun murteessaa ta’uun eerameera.
 
Hawaasni naagayaa akka hin miidhamne of eeggannaan taasifamaa jiraachuu fi iddoowwan bilisa ba’aanitti deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuun ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment