Diinagdeen naannichaa guddina qabatamaa agarsiisaa jira – Pir. Shimallis

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC) – Diinagdeen naannoo Oromiyaa guddina qabatamaa agarsiisaa jira jedhan Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Qusannaa Galiifi Interpiyuunarshiippii Dinagdee Jijiiramaa Keessatti ijoo ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii seektaroota ijoo adda baasee raawwachaa jiruun jijjiiramni qabatamaa mul’dhachaa jiraachuu kaasaniiru.

Jalqabbii ta’us, dinagdeen naanniichaa guddina qabatamaa agarsiisaa jira jedhan.

Pireezidaanti Shimallis qusannaa fi Intarpiyuunarshiippii
ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Guutuun ibsa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Itti fufiinsa jijiirama jalqabaa kana dhugoomsuu keessatti toorri shoora dinagdee utubuu taphatan nijiru. Bu’uuruma kanaan, yeroo ammaa xiyyeeffannoon mootummaa keenyaa waa sadi hiikuudha: rakkoo aadaa qusannaa, too’annoo dinagdee (galii) fi intarpiyuunarshiippiiti.
Qusannaa
Aadaan qusannaa ummata keenyaa hanga hin cimnetti amma barbaanne yoo omishnellee, dinagdee keenya irratti jijjiirama eeyyentaafi itti fufiinsa qabu fiduu hin dandeenyu. Dinagdee umame ykn qabeenya horatame irraa amma tokko qusachuun deebisnee invasti gochuu aadaa hintaasisnu yoota’e, fuulduratti tarkaanfachuun waan milkaa’uu miti. Ummanni waan argate hunda sooratu boru hin qabu. Waggoottan muraasa darban, humni omishuu naannoo keenyaas ta’ee omishtii waliigalaa biyya keessaa (GDP) sadarkaa fooyyee qabuun dabalus, hammi qusannaa keenya, sadarkaa guddachuu qabuun hin guddanne. Kun ammoo, akkuma eenyumtuu hubatu, dadhabbina aadaa hawaasaa keenyaafi qooda fudhattoota dinagdee qusannaa irraa kan maddu.

Misooma dinagdee maraamartoo hiyyummaa cabsee bahu dhugoomsuuf, qusachuu qofti gahaa miti. Omishaafi qusannaa dachaa hedduun dabaluu, baadiyyaa dhiyeessii faayinaansiifi liqii keessa galchuu, invastimantii daran cimsuufi kkf qooddattoota hojiitti hiikamuu qabani. Mootummaan Naannoo Oromiyaa qooddattoota kanneen babal’dhisuu irratti hojjechaa jira. Jijjiirama ilaachaa dhugoomsuu irraa eegalee hanga riifoormiiwwan sirna faayinaansiitti hojiirra oolchaa jira. Bifuma kanaan, bara kana, nama dhuunfaarraa eegalee, waldaaleen IMX, dhaabbileen daldalaa, intarpiraayizoonnifi kaampaaniiwwan hojii kamuu irratti bobba’an, waan omishan ykn bu’aa argatan irraa yoo xiqqaate %30 – %35 qusachiisuuf karoorsee hojjechaa jira.

Baankiin Siinqee akka hundeeffamu kan ta’e dhimma kana jajjabeessufi. Akka sabaatti abbummaan qabannee akka cimsinuuf ture. Haata’uutii qusannaa akka caasaa mootummaafi haawaasaatti taasisne gadi bu’aadha. Caasaan sadarkaan jiruufi qoodafudhattoonnifi haawaasni marri dhimma kana abbummaan qabannee furuu akka qabnu hubachiisuun barbaada.

Galii

Too’annoon dinagdee dhimma dirqamaati. Hanqinni gama kanaan jiru, hunda dura galii miidha. Itti fufiinsa guddina dinagdee dhugoomsuu keessatti galiin shoora bakka hin buufamne qaba. Galiin mootora dinagdee biyya tokkooti. Dinagdeen tokko dandeettii galii maddisiisuu isaa amma fedhe yooguddise, dandeettii galii sassaabutiin yoo hin utubamne jijiirama hiika qabu argisiisuu hindanda’u. Kanarraa ka’uun, riifoormiin seektaricha keessatti hojiirra oolaa jiru, bu’aa jajjabeessaa agarsiisaa jiru.

Haaluma kanaan, gama bulchiinsa gibiraafi taaksii ammayyeessuutiin, teeknoolojii beeksisuufi fayyadamuutiin, haqa-qabeessummaa mirkaneessuufi dhaqabamaa taasisuutiin riifoormii bal’dhaan taasifamaa jira. Fkn, siistama “SIGTAS”tti dhimma bahuun, ‘tilmaama’ gibira kaffaltoota sadarkaa “C” tuttuqaa namaa tokko malee murteessuu akkasumas “telebir” fayyadamuun gibiraafi taaksii sassaabuu dandeenyeerra. Haata’u malee, ammas taanaan, dandeettii galii dabaluufi sirneessuu irratti karaa dheeraan akka nuhafu hubachuun murteessadha.

Dhumarrattis, galiin walqabatee waa sadi xiyyeeffannoon ilaaluu qabna: galii sochii dinagdee magaaloota keenyaa irraa argamuu qabu; mata dureewwan galii jiran hundatti gargaaramuu; meeqantaa (rate) gibiraa yeroo isaa eeggate murteessuun hojiirra oolchuu.

Intarpiyuunarshiippii

Intarpiyuunarshiippummaan fedhii gabaa jiru deebisuu ykn guutuu qofa miti. Fedhii gabaa kana dura hin jirre (haaraa) uumuudha. Galmi intarpiyuunara tokkoo inni guddaan jiruu hawaasaa sal’phisuudha. Kana ammoo kalaaqaan masakamee baay’ina, qulqullinaafi ariitiin omishuudhaan dhugoomsa.

Ilaalchi siyaasaafi sirni daldalaa keenya, kana hubachuu dhabuurraa kan ka’e, intarpiyuunarshiippii akka sodaatti ilaalaa ture. Akkuma sirni daldalaa keenya babal’dhina intarpiyuunarshiippiitiif gahee olaanaa qabu, intarpiyuunarshiippiinis sirna daldalaa dorgomaa uumuuf gumaacha guddaa taasisa. Yeroo ammaa hanqinoota daldala keessatti nu muudataniifis ta’ee, galii keenya guddisuuf, intarpiyuunarshiippiif xiyyeeffannoo addaa kenninee jirra.

Tarkaanfilee kanneen keessaa, leenjiin ji’oota muraasa dura hoggansa keenya sadarkaa naannoodhaa hanga aanaa jiraniif dhimmoota mootummaafi hoggansa intarpiyuunaraa irratti kennine kaasuu dandeenya. Gama biraatiin, dargaggoota interpiyuunara ta’aniif giddugala “incubation” fi kaappitaala ka’umsaa qopheessuun jajjabeesaa jirra.

Dabalataaniis, galmoota gurguddoo seektara magaalaa naannoo keenyaa keessaa inni tokko intarpiyuunarshiippii jajjabeessuu akka ta’u murtaa’ee irratti hojjetamaa jira. Walumaagalatti dhimmi qusannaa, galii(too’annoo dinagdee keessaa) fi intarpiyuunarshiippii dhimma ijoo riifoormii misooma dinagdee keenyaa ta’uun hubatamee caasaan sadarkaan jiru, qooda fudhattoonni akkasumas hawaasni bal’dhaan abbummaan akka irratti hirmaattan yaadachiisuun barbaada.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment