Diinagdeen Itiyoophiyaa oomisha daldala alaa Doolaara biiliyoona 20 maddisiisuu akka danda’u eerame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Diinagdeen Itiyoophiyaa oomisha daldala alaa Doolaara biiliyoona 20 maddisisuu akka danda’u eerameera.

Raawwiin karoora 2016 dhaabbilee waamamtootaa Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa gaggeeffameera.

Waltajjichaarratti Ministirri Ministeerichaa Dooktar Kaasaahuun Gofeen akka jedhanitti diinagdeen Itiyoophiyaa oomisha daldala alaa Doolaara biiliyoona 20 ol maddisisuu akka danda’u dubbatan.

Carraa kana fayyadamuus hojmaataa jiran ammayyeessuuun akka barbaachisu hubachiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Hojmaataa ammayyeessuunis, seeraa alummaa hambisuun murteessa ta’uu kaasanii, kunis biyyattiin damee diinagdeerraa galii argachuu maltuuf kan gumaachu ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment