Diinagdeen biyyattii dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun jijjiirama gaariirratti argama- Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Adoolessa15, 2014 (FBC)- Diinagdeen Ityoophiyaa dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun jijjiirama gaariirratti kan argamu ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.

Yaa’iin Waldaa Hayyoota Diinagdee Ityoophiyaa Idil addunyaa 19ffaan gaggeeffamaa jira.

Obbo Ahimad Shiideen haasawaa yaa’icharratti taasisaniin, rakkoon nagenyaa, weerarri vaayrasii koroonaa, hongeeniifi waraanni Raashiyaa fi Yuukreen diinagdeerratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiisuu kaasaniiru.

Mootummaan hojii dhiibbaawwan kanneen dandamachuu dandeessisan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Ityoophiyaan dandeettii misoomuu olaanaa qabaachuu eeruun, qabeenya kanatti fayyadamuuf fooyyessa diinagdee biyya keessaa irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaagar Dasseen gamasaaniin, damee faayinaansiin kallattiin yeroo gabaabaa fi dheeraa kaa’amee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, qorannoowwan garaagaraa dhiyaachuun mariin irratti ni gaggeeffamaan eegama.

Tasfaayee Kabbadaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment