Diinagdee Maakroo tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhatameen bu’aa gaariin argame – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Diinagdee Maakroo tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhatameen bu’aa gaariin argamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa haala yeroo fi diinagdee ilaalchisee ibsa laateera.
Bara baajataa 2014 kurmaana 1ffaa keessa qaala’iinsi gatii waliigalaa Baatii Sadaasaa % 33 ga’uu ibsaniiru.
Qaala’iinsa gatii Meeshaalee midhaan nyaataa ammoo % 38.9 ga’uu ibsuun, kan Baatii Onkololeessaan yoo madaallame % 1.7 hir’isuu eeraniiru.
Qaala’iinsa gatii waaraan furuuf oomisha dabalurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu kallattiin kaa’amuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawiiti Kaasaan ibsaniiru.
Oomishi Bunaa baatiwwan sadan darbe gara alaatti argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallamu % 61 dabaluu kaasaniiru.
Mootummaan shira diinagdee ittisuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment