Diinagdee diijitaalaa teeknooloojiin utubuun badhaadhina Afrikaa mirkaneessuun ni danda’ama jedhame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2015 (FBC) – Diinagdee dijitaalaa Afrikaa teeknooloojiin utubuun badhaadhina Afrikaa mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu ibsameera.

Daaryektarri Olaanaan bulchiinsa nageenya odeeffannoo Obbo Salamoon Sookaan, diinagdee diijitaalaa ibsituu Afrikaa teeknooloojiin utubuun badhaadhina Afrikaa mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu himaniiru.

Obbo Salamoon Sookaa, Daaryektara Olaanaa Komishinii Gamtaa Afrikaa Fatalaah Siijalmasii waliin abbummaa teeknooloojii akkaataa mirkaneessuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Bulchiinsi nageenya odeeffannoo Ityoophiyaa,gama dijitaalaayizeeshinii fi teeknooloojiin muuxannoo qabu biyyoota Afrikaa biroof qooduuf qophii ta’uu Obbo Salamoon eeraniiru.

Daaryektarri Olaanaa Komishinii Gamtaa Afrikaa Fatalaah Siijalmasiin gama isaaniin,Afrikaan abbummaa teeknooloojii mirkaneessuu fi hirkattummaa teeknooloojii biyya alaarraa ba’uu akka qabdu hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment