Diinagdee dhiibbaa dandamachuu danda’uu ijaaruuf seera taaksii fi gibiraa kabajuunuun barbaachisaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Dinagdee cimaa fi dhiibbaa danamachuu danda’u ijaaruuf seera taaksii fi gibiraa kabajuun itti gaafatamaa qaamolee dhimmi ilaalaturraa eegamu ta’u Ministeerri galiiwwanii ibse.

Naannoo Kibbaatti sagantaan kaffaltootaa gibiraa adda dureef beekkamtii fi badhaasa kennuu bakka qondaaltonni sadarkaa federaalaa fi naannoo argamanitti gaggeeffameera.

Saganticharratti Minister Deetaan Ministeerichaa Obbo Tasfaayee Tulluu, sirna gibiraa kabajuu fi kabachiisuun diinagdee biyya keessaa cimaa fi dhiibbaa dandamachuu danda’u waaraa ijaaruun nurraa eegama jedhaniiru.

Kanaaf, sirna taaksii cimaa ijaaruu fi seeraa taaksii fi gibiraa kabajuu mirkaneessuuf qaamoleen hunduu hojjechuu akka qaban hubachiisan.

Kana milkeessuufis sosochiin mata duree “Gibira Kabaja Biyyaaf” jedhuun gaggeeffamaa jirachuu yaadachiisaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo KIbbaa Obboo Ristuu Yirdaa gama isaaniin, dhiibbaa fi deeggarsa alaarraa diinagdee of danda’e ijaaruun kandanda’amu biyya keessatti dandeetti ofiin guddisuu fi misoomsuuf galii keessoorratti xiyyeeffachuun hojjechuu wayita dandeenyedha jedhaniiru.

Haaluma kanaan qabeenya umamaa fi humna namaa fayyadamuun diinagdee guddisuun, qabeenyaa diinagdeen maddisiisurraas gibiraa barbaachisaa walitti qabun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Kaffaltoonni gibiraas gibira irraa eegamu amanamummaan kaffaluu cimsanii itti fufuun guddina misoomaa biyyattiif gumaacha akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment