Diinagdee biyya keessaa fooyyessuuf kallattiiwwan kaa’aman bilchinaan raawwatamaa jiru – Dooktar Iyyoob Takkaaliny

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Kallattiiwwan  Diinagdee biyya keessaa fooyyessuuf kaa’aman karaa bilchina qabuun raawwatamaa kan jiran ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaaliny ibsaniiru.

Dooktar Iyyoob Takkaaliny, Fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa fi haala invastimantii Ityoophiyaarratti hojjettoota waajjira dhimma alaa, Ambaasaaddaroota, dippiloomaatotaa fi dhaabbilee itti waamamaniif akkasumas hojjettoota Ministeera Raayyaa Ittisa biyyaa fi dhaabbilee itti waamamaniif ibsa laataniiru.

Ogeessi diinagdee obbo Zamadeenaa Nigaatuun invastimantii fi haala mijattummaa Ityoophiyaa akkasumas invastimantiin alaa  akkaataa itti seenuu danda’urratti haala qabatamaa addunyaarraa ka’uun leenjifamtootaaf ibsaniiru.

Dooktar Iyyoob gama isaaniitiin  fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa kanneen akka damee qonnaa, oomishaa, albuuda, tuurizimii fi aaysiiti (ICT) irratti xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa kan jiru ta’uu ibsaniiru.

Kanaan dura dameewwan mootummaa jala turan haala of eeggannoo qabuun  gara dhuunfaatti naannessuuf adeemsarra kan jiru ta’uu fi akka fakkeenyaatti dameen teeleekoomii kan ka’u ta’uu Dooktar Iyyoob himaniiru.

Obbo Zamadeenaan gamasaaniitiin, dippiloomaatonni Ityoophiyaan dameewwan  invastimantii alaatiif mijattuu taaterratti gaaffiiwwan dhaabbileerraa ka’aniif deebii gahaa laachuufii akka danda’anitti hubannoo fi ogummaa gahaa qabaachuu qabu jedhan.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment