Diinagdee Afrikaa sababa weerara vaayrasii koroonaan miidhame bakka buusuuf Doolaara Tiriiliiyoona 1.2 barbaachisa jedhame

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) – Diinagdee Afrikaa sababa weerara vaayrasii koroonaan miidhame bakka buusuuf Doolaara Tiriiliiyoona 1.2 kan barbaachisa ta’uu Dhaabbanni Fandii maallaqa Idila addunyaa beeksise.
 
Bara Faranjootaa 2023tti diinagdee biyyoota Afrikaa sababa weerara vaayarsii koroonaan miidhame dandamachiisuuf Doolaarri Tiriiliyoonni 1.2 kan barbaachisu ta’uu Daayreektarri Dhaabbata Fandii maallaqa Idila addunyaa Kiristiinaa Jii’oorjiivaan ibsaniiru.
 
Biyyoonni fi dhaabbileen Faayinaansii diinagdee ardichaa dandamachiisuuf waadaa galan hanga ammaatti deeggarsa dhiyeessan guutumaa guutuutti galmaan hin geenye jedhan.
 
Maallaqa deeggarsaan waadaa galame keessaa Doolaarri Biiliyoonni dhibbi 3 fi biiliyoonni 45 hojiitti hin hiikkamne jedhaniiru.
 
Dhaabbanni Fandii maallaqa Idila Addunyaa biyyoota weerara kanaan miidhaman 40f doolaaara biiliyoona 26 deeggarsa taasisuuf akka ta’e beeksisuu isaa fi Baankiin Addunyaa liqii Doolaara biiliyoona 21.9 ifoomsuu himaniiru.
 
Maddi:- News24
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment