Diina Adabuun seenaa dhalootaf darbu hojjechuu itti fufna – L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Diina Adabuun seenaa dhalootaf darbu hojjechuu itti fufna jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Guyyaan maatii Humna Qilleensaa Ityoophiyaa qophiilee garaagaraan kabajamaa jira.

Maatii fi Miseensonni Raayyaa Humna Qilleensaa qophummaa dandeettii fi hojiilee misooma bu’uuraa dhaabbaticha keessatti hojjetaman daawwateera.

Saganticharratti kan argaman Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan dirqama itti aanuuf kaka’umsi jiraachuu kaasaniiru.

Bu’aa humni qilleensaa galmeessaa jiruuf qoonni maatii olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Miseensonni humna qilleensaa diina adabbii cimaa adabuun seenaa dhalootaaf darbu hojjechuu itti fufu jedhan.

Yeroo itti aanu dhaabbatichi miseensotaa fi maatii raayyichaa tumsuu kan itti fufu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisaarraa argame itti fufa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment