Diimookiraasiin Ityoophiyaaf filannoo osoo hin taane dhimma biyya ijaaruuti – Obbo Tasfaayee Baljigee

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Diimookiraasiin Ityoophiyaaf filannoo osoo hin taane dhimma biyya cimtuu fi tasgabbooftuu ijaaruu ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummatti Ministirri Waamamaa Olaanaa Mootummaa Obbo Tasfaayee Baljigeen ibsan.
Dhaabbilee diimookiraasii walabaa ijaaruuf hojiin eegalame cimee itti fufuu akka qabu Obbo Tasfaayeen dubbataniiru.
Dhaabbilee ciccimoo Ityoophiyaa fakkaatan ijaaruuf ga’een qaama hundaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Akka fakkeenyaatti hojiileen dhaabbilee Komishinii Mirga Namoomaa fi Abbaa Gaar Ityoophiyaa ijaaruuf hojjetame gaarii ta’uu eeraniiru.
Hojiileen riifoormii dhaabbilee kanneen cimsuuf hojjetamee fi hanqinaaleen turan adda ba’uun Fooramii dhaabbilee Diimookiraasii gaggeeffamaa jiruuf dhiyaachuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment