Diimookiraasiin Dhugaa kan dagaagu giddu seentummaan dhaabbachuun ummanni ofiif abbaa Diimookiraasii yoo ta’e qofa – Waang Zhii

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC) – Diimookiraasiin Dhugaa kan dagaagu giddu seentummaan dhaabbachuun ummanni ofiif abbaa Diimookiraasii yoo ta’e qofa jedhan Ministir Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Zhii.
Waang Zhii ‘Diimookiraasiin akaakuu tokko qofaa miti, diimookiraasii dhugaa dagaagsuuf yaa hojjennu’ jechuun Waltajjii Diimookiraasii Baalii 14ffaa irratti waamicha dhiyeessaniiru.
Dhalli namaa waraanarraa bilisa ta’uun jireenya gammachiisaa fi haqa qabeessa akka jiraatu abbootiin keenya waggootaan kumaatama darbaniif dadhabbii malee sirnoota fooyya’aa fi gurmaa’iinsa siyaasaa uumaniiru jedhan.
Diimookiraasii nuti har’a barbaannu isaan dursanii hojjetaniiru jedhan Waang Zhuun.
Diimookiraasiin Dhugaa kan dagaagu giddu seentummaan dhaabbachuun ummanni ofiif abbaa Diimookiraasii yoo ta’e qofa jechuun ibsaniiru.
Maddi:-CGTN
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment