Diijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dhaabbileen qindoominaan akka hojjetan gaafatame

Finfinnee, Hagayya 27, 2015 (FBC) – Karoora Diijitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen qindoominaan akka hojjetan Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii gaafate.

Waltajjiin xumuraa mirkaneessa raawwii hojii yeroo walakkaa tarsiimoo dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 gaggeeffameera.

Waltajjii kanarratti dhaabbilee mootummaa 50 ol ta’an hirmaataniiru.

Diijitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf dhaabbileen mootummaa hundi fi dameen dhuunfaa tumsaa fi qindoominaan hojjechuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Aadde Huuriyaa Aliin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment