Dhukkubsattoonni gara wallaansa yaala cimaa galan daraan baay’achuu hordofee hanqinni meeshaalee hargansuu muudachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2013 (FBC) – Namoonni dhibee vaayrasii koroonaan dhukkubsachuun gara wallaansa yaala cimaa galan daraan baay’achuu hordofee hanqinni meeshaalee hargansuu muudachuu ibsameera.
Yeroo dhiyoo as dhukkubsattoonni gara gidduugala yaala vaayrasii koroonaa dhufan daraan dabalaa jiraachuu Hospitaala Waliigalaa Eekkaa Kotabeetti itti gaafatamaan kutaa wallansa cimaa Dooktar Hiruuy Ara’aay Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Lakkoofsi namoota gara kutaa wallaansa yaala cimaa galanii daraan dabalaa dhufuu eeraniiru.
Namoota gara yaala wallaansa cimaa galan keessaa % 65 meeshaalee hargansuu kan barbaadan ta’uu eeraniiru.
Dagannaa jiru hordofee facaatiin weerara vaayrasii koroonaa sadarkaa yaaddeessarra ga’uu Daayreektarri gidduugala yaalaa Covid- 19 Barkumee Dooktar Wulataaw Caanneen himaniiru.
Sababa kanaan dhukkubsattoota yaala wallaansa cimaaf gara giddugalichaa dhufan hunda keessummeessuun hin danda’amne jedhan.
Meeshaaleen hargansuu jiran yeroo baay’eef tajaajila laachuu isaaniin yeroo ammatti dandeettiin isaanii gadi aanaa ta’uu kaasaniiru.
Hammi dhukkubsattootaa daraan dabaluu isaan ogeeyyii yaalarratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu ibsaniiru.
Malaakuu Gadfitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment