Dhukkubsataa kalee fakkeessuun hiriyaa isaaniin maallaqa sassaabaa kan turan namoonni 10 to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC)- Dhukkubsataa kalee fakkeessuun hiriyaa isaanii konkolaataa keessa ciibsuun maallaqaa gargaarsaa sassaabaa kan turaan namoonni 10 to’atamaniiru.

Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 14’tti rakkoo fayyaa kamuu kan hinqabne kaleen hiriyaa isaanii faayidaan ala waan ta’e fakkeessuun maqaa wal’aansaan maallaqa gargaarsaa walitti qabaa turuun eerameera.

Namoonni kunneen maallaqa kuma 5 waliin to’annoo jala oolfamuu kan ibse Poolisiin Magaalaa Finfinnee, magaalatti naannawaa garaagaraatti gaaffileen gargaarsaa walfakkaataan akka mul’atan ibseera.

Hawaasnis gochaalee gowwoomsaa akkanaa hubachuun wayita deeggarsa taasisutti sanadoota wal’aansii akka barbachisu ibsan ilaaluu fi sirrummaa isaa mirkaneeffachuun ta’uu akka qabu poolisiin hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment