Finfinnee, Bitootessa 9, 2017(FMC) –Dhukkubni kalee sababoota garaagaraatiin fayyummaan kalee miidhamee dhiiga qulqulleessuu dadhabuun dhangala’aan xuraawaan qaama keessatti kuufamee miidhaa kan geessisudha.
Mallattoolee dhukkuba kalee:
Dadhabbii qaamaa, fedhiin nyaataa hir’achuu, dhiibbaan dhiigaa ol ka’uu, ol deebisiisuu, fincaan baay’achuu/xiqqaachuu, dhiita’uu qaamaa fi waraansi mallattoo dhibee Kaleeti.
Waantota dhukkuba kaleef nama saaxilan:
Dhukkuba sukkaaraa, dhibbaa dhiigaa, qorichoota ajaja ogeessaa malee fudhachuu, furdina humnaa olii, tamboo xuuxuu, alkoolii baay’isanii dhuguu, ujummoon fincaanii miidhamuu, soorata fayyaalessa hin taane (cooma, ashaboo… baay’isuun wantoota dhibichaaf nama saaxilan keessaa isaan hangafaa ta’uu eerameera.
Tooftaalee Ittisa Dhukkuba Kalee
• Haala fayyumaa ofii qoratamuun yaalii barbaachisaa taasisuu
• Qoricha ajaja ogeessaan qofa fudhachuu
• Ulfaatina qaamaa sirrii qabaachuu
• Bishaan ga’aa dhuguu(guyyaan litira 2-3)
• Tamboo xuuxuu fi alkoolii baay’isuu dhiisuu
• Nyaata madaalawaa soorachuun maloota dhibee kalee ittisuuf oolan keessaa muraasa.
Madda- Fuula waa’ee fayyaa.