Dhukkuba Vaayirasii Koronaa(COVID-19) ittisuuf of eeggannoo barbaachisan

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 9(FBC) – Dhukkuba Vaayirasii Koronaa(COVID-19) ittisuuf of eeggannoo barbaachisan:-
• Yeroo hunda harka saamunaa fi bishaaniin dhiqachuu yookiin alkoolii jarmii dhorku fayyadamuun harka qulqulleessuu.
• Nama qofa’uu fi haxxiffatu irraa yoo xiqqaate hanga meetira 2 yookin tarkanfii 2 irraa fagaachuu
• Harka osoo hin dhiqatiin ija, afaanii fi funyaan tuttuquu dhiisuu.
• Harka walfuudhuu dhiisuu
• Bakka namoonni itti baay’atan dhaquu dhiisuu
• Nyaata beeyladoota fi booyyee irraa argamu osoo hin bilchaatiin soorachuu dhiisuu.

Comments (0)
Add Comment