Dhukkuba Kaanserii Sombaa

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC) – Kaanseriin sombaa gosoota kaanserii rakkoo fayyaa cimaa fi du’aatii fidan keessaa tokko ta’ee, sababa rakkoo seelii sombaa irra gahuun kan dhufuudha.

Dhibeen kaanserii sombaa addunyaa guutuu keessatti bal’inaan tamsa’ee kan argamu, yeroo gabaabaa keessatti nama ajjeessuudha.

Kaanserii Sombaatif Wantota nama saaxilan:

• Tamboo xuuxuu, aara tamboof saaxilamuu

• Dhibeewwan dhibee sombaa biroon walqabatu qabaachuu

• Faalama qilleensaa

• Yaalii raadiyeeshinii(radiation) irra deddeebin taasisuu

Mallattoolee dhibichaa:-

• Qufaa/ukaa yeroo dheeraa, dhukkubbii laphee, rakkoo afuura baafannaa, ukaa dhiiga qabaachuu, dadhabbii, ulfaatinni qaamaa hir’achuu, infeekshinii sombaa deddeebi’u fa’aadha.

Toftaalee Ittisaa fi waan taasifamuu qabu:

– Tamboo xuuxuu dhiisuu

– Faalama garagaraa xiqqeessuu

– Sochii qaamaa idileen taasisuu

– Yeroodhaan haala fayyaa ofii hordoffuu fi yeroon yaalamuu

– Bakka hojii faalamni jirutti meeshaalee ittisaa fayyadamuun
maloota ittisa isaa muraasa ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment