Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) –Dhukkubni Infuleenzaa/Filuu/ Vaayirasiidhaan kan dhufu infeekshinii ujummoo hafuuraa, funyaan, qoonqoo fi somba kan miidhuudha.
Dhukkubni kun namoota akka daa’imman, dubartoota ulfaa, maanguddoota fi namoota dhukkuba qancaraa qaban irratti daraan hammaata jedhame.
Dhukkubichi yeroo namni dhukkubsataan qofa’u, haxxiffatu fi dubbatu akkasumas waantota vaayiraasichaan faalame tuttuquun kan daddarbuudha.
Mallattoolee mul’atan:
• Ho’inni qaamaa ol ka’uu, Dhukkubbii qoonqoo fi mataa, qufaa, dadhabbii qaamaa, dhaamochiisuu, funyaan ukkaamsuufi dhangala’aan ba’uu fa’adha.
Maloota Ittisaa dhukkubichaa:-
• Daa’imman talaalchisuu
• Yeroo qufaanuufi haxxiffannu afaanii fi funyaan haguuguu
• Haguuggii afaaniifi funyaanii fayyadamuu
• Harka ofii bishaanii fi saamunaan dhiqachuu
• Dhangala’aa sirriitti fudhachuu
• Nama dhukkubsate yeroon deeggarsa yaalii akka argatu taasisuu
• Qorcha ogeessa fayyaatiin ajajame haalaan fudhachuu maloota
ittisa isaa keessaa hangafoota ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.