Dhugumaan Gargaarsaa Olitti!

Toora Xiyyeeffannoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa lafa qabsiisuu keessatti, gaheen Humnoota Waloo dabalurratti argama.

Imala waggoottan jahan darban taasisne keessatti, milkaa’ina lakkaa’uu dandeenyu keessaa tokko, akkaataa aadaafi duudhaa dhukkeen haguuge haxoofnee gara Humnoota Walootti deebisnee sirnoomsineefi itti fayyadamne.

Ummanni keenya, aadaafi duudhaa akka kanaa, salphaatti sirnoomuu danda’u nuuf tursiisuu isaaf kabaja olaanatu malaaf. Humnoota Waloo sirnooman keessaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa yoofudhanne, hundaa’ee waggoota sadi keessatti miseensota mil. 24.6 horachuun hundee isaa deebisee gadi fageeffachuu irratti argama.

Buusaa Gonofaa, adda durummaan, aadaafi duudhaa walgargaarsa ummata keenyaa deebisuun, qaamolee hawaasaa balaa umamaa ykn namtolcheetiif saaxilaman deeggaruu, baraaruu akkasumas dandamachiisuu ta’ullee, kaayyoo kanaa achitti darbee hojjechuufis yeroo irraa hinfudhanne.

Dhaabbatichi gama tokkoon aadaa hojii deebisee onnachiisuu, hirkattummaa hambisuufi ofdandeettii jajjabeessuu irratti argama.

Gama birootin, Biiroo Barnootaa Oromiyaa waliin ta’uun, barattoota miiliyoona 7.3 ta’aniif mana barnootaatti nyaata dhiyeessuu irratti kan argamu yoota’u, kanaaniis, galma dhaloota barnootan (saayinsiifi teknolojii) dorgomaa ta’e umuuf qabanne utubuun, akkasumas, dhaabbata aadaafi duudhaa ummataa irraa sirnoome ta’uu isaatiin galma sirna ummataawaa ijaaruuf qabanne cimsuun gargaarsaa olitti tajaajilaa jira.

Humni kun bara 2016/17 irraa kaasee, ilaalacha gargaaramummaa gochaan diiguu jalqabee jira.

Qabeenya deeggarsaafi buusii miseensaa irraa walitti qabu cinaatti, mataa isaatiin gara omishaatti galeera.

Haaluma kanaan, kallattii aanaalee naannoo keenyaa hunda keessatti qonna akka gaggeessu kaa’ameen, bara kana, hanga ammaatti lafa hektaara kuma 6 fi 501 irratti qamadii misoomsuu danda’eera.

Carraa kanaan, humni gochuu ummataa raawwii hanga ammaa jiru daran kan caalu ta’uu yaadachiisaa, jalqabbii gama hundaan jiru gandoota qabnu hunda keessatti daran babaldhisuu akka qabnu cimsee hubachiisuun barbaada.

Buusaa Gonnofaa, Gargaarsaa Olitti

Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment