Dhugoomni abdii badhadhinaa kunuunsaa fi eegumsa qabeenya taasisnu irratti hundaa’a-Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Dhugoomni abdii badhadhinaa, kunuunsaa fi eegumsa qabeenya taasisnu irratti hundaa’a jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa OBbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, jiruufi jireenyi ummataa, keessumaa hojiin qonnaa qabeenya lafaa, bishaanii, bosonaa fi haala qilleensaa irratti kan hundaa’edha.

Dhugoomni abdii badhadhinaas, kunuunsaaa fi eegumsa qabeenya kanneeniif taasisnu irratti hundaa’a jedhan.

Bara kana qaamolee hawaasaa miiliyoona 10 hirmaachisuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii kaka’umsaa fi sochii ummanni eegumsaa fi kunuunsa qabeenya umamaa irratti argisiisaa jiru jechi “Aduufi aadaan nidhokatan malee badanii hin hafan” jedhu dhugaa ta’uu kan hubachiisuudha jedhaniiru.

Dhaadannoo bara kanaas, “Biyyoofi biyya abbaatu eeggata!” jedhu filatamuu kanaaf ta’uu eeraniiru.

Mootummaan, kaka’umsa hawaasaa darberraa ka’uun lafa hektaara miiliyoona 3.3 uwwisuuf karoorfamuu fi karoora hojii nafoo (physical) barichaatiin, daagaa gosa adda addaa kiiloo meetira miiliyoona 1.2, istiraakcharoota jiidhinsa qusatan miiliyoona 16.7 ol, istiraakcheroota bishaan yaasan Meetir kiyuubii miiliyoona 3.3, hidha hallayyaa meetir kiyuubii miiiliyoona 3.8 ol, akkasumas gufeessoo mukaa (lenear meter) miiliyoona 1.7 ni raawwatamu jedhan.

Bifuma walfakkaatuun, hojiilee eegumsa biyyeefi bishaanii waggoottan darban hojjetamanii adeemsa keessa miidhaman kiiloo meetira kuma 231 fi 837 kan suphamu yoo ta’u, lafti hektaara kuma 600 tuttuuqaa irraa bilisa akka taasifamu akeekaniiru

Hirmaannaan hawaasni waggoottan darban hojii eegumsaa fi kunuunsa qabeenya umamaa irratti raawwachaa turee gammachiisaa fi jijjiiramas argamsiisaa jiraachuu dubbataniiru

Bara kanas, bal’inaa fi gamtaan bahee humnaa fi beekumsa qabuun hojii boonsaa kan raawwatu ta’uu hirmannaa taasisuu jalqabeen gamanumaa agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment