Finfinnee, Fulbaana 16, 2014 (FBC)- Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hordoftoota amantaa kiristaanaatin baga ayyaana Daamaraatin isin ga’ee jedhaniiru.
Masqalli ayyaana Ityoophiyaa addunyaatti beeksisaa jiruudha jedhaniiru.
Goftaa Yasuus Kiristoos ilmaan namootaaf lubbuusaa qaalii fannoorratti dabarsee laateera.
Kanafis dhala namaaf ifni Masqaala ifee jedhaniiru.
Humnoonni ifa kana dhoksuufis yaalii taasisaa turan jiru jechuun, Yaaliin isaanii kunis hin milkoofnee jedhaniiru.
Taaticha haala waqtaawaa biyya keenyaan wal bira yoo qabne ilaalluus humnoonni biyyaa keessaa fi alaa dhugaa Ityoophiyaan qabduu dhoksuuf yaalii taasisaa jiru jedhaniiru.
Aadde Adaanach ergaa isaaniin humnoonni gadi nu qabuuf yaalan hin danda’an jedhaniiru.
Akkuma Ifa Daamaraatis dhugaa Ityoophiyaan qabdu hawaasa addunyaa beeksisuuf boodatti hin deebinu jedhan aadde Adaanach Abeebeen.
Dhugaan Ityoophiyaa akkuma Masqalaa iddoo itti dhokfamee ni ba’a jedhaan itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee.
Nageenya biyya keenya eeguun bifa miidhagaa kanaan ayyaana Daamaraa akka kabajannu shoora isaanii ba’aataa kan jiraan Raayyaa Ittisa Biyyaatiinis baga ayyaana Masqalaa geessaan jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.