Finfinnee, Caamsaa 16, 2013 (FBC)- Dhorkiin Viizaa hoggantoota hojii Ityoophiyaarra kaa’ame murtoo fudhatama hin qabnee ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Ministeerichi bulchiinsi Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidaan Viizaa hoggantoota Ityoophiyaarra murtoo dhorkii kaa’uun dabarsuun isaa ni yaadatama.
Ministeerichi ibsa baaseen Ityoophiyaa fi Ameerikaan dhimmoota waloorratti wayita waliin hojjechuu eegalanitti murtoochi darbuu ibseera.
Hariiroo baroota dheeraa Ityoophiyaa fi Ameerikaa kan yaadachiisee ibsichi, dhorkii Viizaa dabalatee tarkaanfiiwwan biroon hariiroo seenaa qabeessaa biyyoota lamaanii miidhuu akka danda’uu ibseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.