Dhorkiin nyaata lukkuu fi bu’aalee lukkuu kaa’amee ture kaafame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Sababa dhibee lukkuu magaalaa Bishooftuutti uumamee tureen dhorkiin nyaata lukkuu fi bu’aalee lukkuu kaa’amee ture kaafamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiseera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa, Obbo Abarraa Warquu, dhibeen lukkuu ka’ee ture osoo miidhaa ulfaataa hinqaqqabsiisiin to’achuun akka danda’amee fi hawaasni sodaa malee lukkuu fi bu’aa lukkuu fayyadamuu akka danda’uu ibsaniiru.

Dhibeechi lukkuurraan miidhaa geessisuu, namarraan garuu miidhaan tokkoollee osoo hin gahiin to’atamuu himaniiru.

Rakkoo uumamee ture qaamolee fayyaa waliin ta’uun hordofaa turuu kan ibsan Obbo Abarraan, lukkuu fi bu’aa lukkuu nyaachuun rakkoo fayyaa akka hindhaqqabsiisne waan mirkanaa’eef hawaasni fayyadamuu danda’a jedhaniiru.

Giddugaloonni horsiisa lukkuus fayyummaa lukkuu haalaan eeguun ummataaf dhiyeessuu akka qabanii fi namootni dhuunfaa horsiisa lukkuurratti hirmaatanis dursanii talaallii kennuu akka qaban Obbo Abarraan hubachiisuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment