DhMGtti Biiroon Tajaajila Proojektii Naannoo Tigraayiif Xaa’oo kuntaala kuma 9 fi 500 deeggarsa taasise

Finfinnee ,Adoolessa 21 ,2015 (FBC)- Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Biiroon Tajaajila Piroojektii Naannoo Tigraayiif xaa’oo biyyoo kuntaalaa kuma 9 fi 500 dabalatee deeggarsaa garaagaraa taasiseera.

Biirichi xaa’oo kuntaalaa kuma 9 fi 500, xaafii kuntalaa kuma 3 ,Qamaadii kuntalaa kuma 1 fi 585 fi boqqoloo kuntaalaa 400 deeggarsa taasisuun ibsameera.

Deeggarsi taasifamees lammiilee kuma 54 ol fayyadamoo kan taasisu ta’uu ragaan biirichaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment