DhMG uggurri viizaa Gamtaan Awurooppaa lammiilee Raashiyaarra kaa’e sirrii miti jechuun qeeqe

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii uggurri viizaa Gamtaan Awurooppaa lammiilee Raashiyaarra kaa’e sirrii kan hin taane ta’uu ibse.

Wayita waldhabdeen Yuukreenii fi Raashiyaa tasgabbaa’e uggurichi ka’uu akka danda’u abdiin qaba jedheera.

Hojmaatichi mirga lammiilee Raashiyaa kan sarbu ta’uu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez ibsaniiru.

Uggurri kun hariiroon Gamtaa Awurooppaa fi Raashiyaa gidduu jiru hammaataa dhufuu agarsiisa jedhan.

Gamtichi waliigaltee Viizaa Raashiyaa waliin qabu baatii kana keessa dhaabeera.

Sababa kanaan biyyoonni miseensa gamtichaa tokko tokko viizaa daawwattootaa fi Daldalaa laachuu dhaabaniiru.

Istooniyaa, Laatviyaa, Luuteniyaa fi Poolaandi lammiileen Raashiyaa viizaa Sheengen biyyoonni biroo kennaniin gara biyya isaanii akka hin seenne dhorkuu RT gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment