DhMG lammiilee Itiyoophiyaa deeggarsa yeroo hatattamaa barbaadaniif Doolaara miiliyoona 23 ramade

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaatti lammiilee deeggarsa ariifachiisaa barbaadaniif kan oolu fandii yeroo ariifachiisaan Doolaara miiliyoona 23 ramadeera.

Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa naannawaa garaagaraatti balaa tasaa mudatu hordofee haala deeggarsa namoomaa dhiyeessuun danda’amurratti Dhaabbilee deeggartootaa waliin mari’ateera.

Lammiilee sababoota garaagaraan rakkoof saaxilamaniif deeggarsa dhiyeessuuf waliigalamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniis Itiyoophiyaatti lammiilee balaa lolaan miidhamaniif Doolaara miiliyoona 8, weerara dhibeen adda addaan miidhamaniif Doolaara miiliyoona 5 fi lammiilee sababa hongeen miidhamaniif Deeggarsa Doolaara miiliyoona 10 ramaduu beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment