DhMG dubartoota sababa walitti bu’iinsaan miidhaman deeggarsa qaqqabsiisuuf kan hojjetu ta’uu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)-Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaatti sababa walitti bu’iinsaan dubartoota miidhamaniif deeggarsa dhaqabsiisuuf hojii hordoffii waloon hojjechuuf fedhii qabaachuu beeksise.

Ministirri Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Itti Gaafatamaa Sirna Koorniyaa Kiristiyaan F. Sandarsi waliin mari’ataniiru.

Dooktar Ergoggeen, haleellaawwan koorniyaa bu’uureffatan ittisuuf, walqixxummaa sirna koorniyaa mirkaneessuu fi dubartoota ga’oomsuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Keessumaa heeruma umrii malee, kittaannaa shamarraanii dhaabuuf dhaabbilee idil addunyaa waliin qindoominaan hojjechuun bu’aalee jajjabeessan galmaa’uu ibsaniiru.

Kanaanis Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti badhaasa argachuu yaadachiisanii, milkaa’ina kanaaf gumaachi dhaabbilee idil addunyaa olaanaa akka ture eeraniiru.

Dubartoota walitti bu’iinsaa fi sababa balaa uumamaan midhaan irra ga’e deeggaruu fi dandamachiisuuf mootummaan dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjechaa akka jirus hubachiisaniiru.

Hojiilee eegalaman itti fufsiisuufis deeggarsi taasifamu cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Kiristiyaan F. Sandarsi gama isaaniin, dubartoota haleellaarraa ittisuu fi mirga isaanii kabachiisuuf akkasumas walitti bu’iinsaan kanneen miidhaan irra gaheef deeggarsa namoomaa barbaachisuun sirnaan qaqqabsiisuuf qindoominaan akka hojjetan dubbataniiru.

Dhaabbanni Mootummota Gamtoomaniis hojiilee hordoffii waloon hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Fuuldurattis ministeerichi hojiilee hojjetuuf deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment