DhMG baalaawwan tasaaf deebii kennuuf hanga ammaatti Doolaara miiliyoona 409 walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Muddee 3, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fandii deebii baalaawwan tasaa fi tilmaamamoof biyyoota saaxilaman deeggarsaan qaqqabuuf hanga ammaatti Doolaara miiliyoona 409 walitti qabuu beeksise.

“Deeggarsa hundaaf hundarraa” mata duree jedhuun sagantaa deeggarsaa walitti qabuu qophaa’e irratti Ityoophiyaan hirmaannaa milkaa’aa qabaachaa turuu ibsameera.

Sagantichi Ameerikaa Niwuyoorkitti kan gaggeeffame yoo ta’u, Koomishiniin Hoggansaa Sodaa Balaa Ityoophiyaa hirmaateera.

Koomishinichi, haala yeroo kutaa Kaabaa biyyattiitti mudateef deebii kennuu fi deeggarsa namoomaa dhiyeessuu ilaalchisee hawaasa idil addunyaa gama hubachiisuun hojiilee hojjeteen walga’iiwwan waloo bu’aa qabeessa ta’an gaggeessuun eerameera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bara Faranjootaa 2023 balaawwan tasaa fi tilmaamaman wayita mudatan biyyoota balaawwan mudatan deeggarsaan qaqqabuuf Doolaara biiliyoona 1 walitti qabuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Maallaqni deeggarsaa walitti qabamuuf karoorfamee hanga argamutti tattaaffii taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu dhaabbatichi beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment