Dhiyeessitoota oomisha midhaanii seeraan alaarratti tarkaanfii cimaa akka fudhatu Biiroon Daldalaa Finfinnee beeksise

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC)- Dhiyeessitoota oomisha midhaanii seeraan ala bittaa fi gurgurtaa raawwatanirratti Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee tarkaanfii cimaan akka fudhatu beeksise.

Xaafii dabalatee sirna daldalaa midhaaniirratti gidduu seentummaa seeraan alaa taasisaniin qaala’iinsi gatii hinmallee mudachaa jiraachuun ni beekama.

Biirichi bittaa fi gurgurtaa dhiyeessitoota midhaanii seeraan laa waliin taasifamuu irratti tarkaanfii akka fudhatuu ibsuun, gurmaa’ina abbootii qabeenyaa baabura miidhaanii fi daldaaltotaa waliin dhiibbaa qaal’iinsa jireenyaa itti fufiinsaan tasgabbeessuurratti kan xiyyeeffatee mariin gaggeeffameera.

Marichis adda durummaan kutaalee hawaasaa galii gadaanaan bulan irratti dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa mudatu tasgabbeessuuf, hunduu gahee isaa bahachuun akka irraa eegamu hubachiisuuf ta’uu eerameera.

Biirichi walitti fufiinsaan opireeshinii gaggeesseen bittaa fi gurgurtaa seeraan alaa, nagahee malee bittaa fi gurgurtaa raawwachuu, eeyyama daldalaa utuu hinqabaatiin daldala midhaaniirratti bobba’uu fi fuuncaa gabaan alaa bittaa fi gurgurtaan raawwataman akka jiran mirkaneessuu ibsameera.

Yeroo ammaa oomishi midhaanii gahaan gara magaalattii seenaa waan jiruuf hanqinni omishaa sadarkaa biyyaalessaatti waan hinjirreef, daballii gatii hinmallee taasaisuun fudhatama kan hinqabne ta’uu hubachiiseera.

Qaamolee seeraan alaa waliin bittaa fi gurgurtaan raawwatamu fudhatama waan hinqabneef Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalichaa Wiixata dhufuu eegalee, tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf sochii akka eegalu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment