Dhiyeessiin mana jireenyaa Mootummaa qofaan kan deebi’u osoo hin taane seektara dhuunfaa waliin qindoominaan hojjachuu gaafata – Aadde Adaanach Abeebee

Fi.nfinnee, Sadaasa 8, 2016 (FBC) – Fedhiin dhiyeessii mana jireenyaa Mootummaa qofaan kan deebi’u osoo hin taane seektara dhuunfaa waliin qindoominaan hojjachuufi jajjabeessuu gaafata jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Dhaabbannii Riil Isteetii Nooh Manneen jireenyaa ijaarsaanii isaanii xumurame 754 har’a bakka Aadde Adaanach Abeebeen argamanitti eebbisiiseera.

Waggoottan jijjiiramaa 5 darban keessatti Manneen ijaaraman kuma 5 dabalatee hanga ammaatti manneen kuma 8 fi 600 ol ijaaruun jiraattotaaf kan dabarsee yoota’u, manneen ijaarsi isaanii xumura irra gahan qulqullinaan ijaaramuu isaanitii fi rakkoo mana jireenyaa jiraattoota danuu kan furan ta’uusaanii wayita daawwannetti argineerra jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Guddina Magaalaa fi Ummataag faayidaa kan qaban waan ta’aniif Kaampaaniiwwan ijaarsa Mana jireenyaa irratti bobba’an bulchiinsi Magaalichaa jajjabeessuu kan itti fufu ta’uu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment