Dhiyeessii xaa’oo Biyyoo bara 2017/18 irratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)- Sochii dhiyeessii fi hojiilee fuulduree Xaa’oo Biyyee bara oomishaa 2017/18 irratti mariin gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaan Buufata Doonii Hunda Galeessaa Dooraaleetti sochii xaa’oo biyyee bara oomishaa 2017/18 daawwataniiru.

Hoji Raawwachiisaan Buufata Doonii Hundagaleessaa Dooraalee Jamaal Ibiraahiim waliin sochii dhiyeessii fi hojiilee fuulduratti raawwataman ilaalchisee mari’achuu ragaan Jibuutiitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Xaa’oo yeroon qonnaan bultootaan ga’uu fi qophii buufataa ilaalchisees ibsa kennaniiru.

Suphaa maashinarii, qulqullina tajaajilaa fi saffisa giddugaleeffachuun hojiilee bal’aan hojjetamuu Obbo Jamaal ibsaniiru.

Dooktar Soofiyaa Kaasaan gama isaaniin, Itiyoophiyaatti waggaa waggaan dabalaa kan dhufe hanga bittaa xaa’oo biyyee giddugaleeffachuun qophii gahaan akka taasifamu hubachiisnaiiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment