Dhiyeessii manneen magaalotaa %84 guddisuuf hojjetamaa jira-Ministeericha

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Dhiyeessii manneen magaalotaa %64 irraa gara %84tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa beeksise.

Yuunivarsiitiin Hawaasaa, Yuunivarsiitii Afrika Kibbaa ‘WIT WATERS RAND’ jedhamuu waliin qorannoo jireenya dargaggootaa, carraa hojii fi mana jireenyaa ilaalchisuun gaggeesse ifoomseera.

Waltajicharratti Ministir Deetaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Heelan Dabbabaa, mootummaan rakkoolee manneen jireenyaa hambisuuf hojiilee bal’aa hojjechaa jiraatus, hojiilee hafan hedduun jiraachuu ibsaniiru.

Magaalotatti dargaggoonni hedduun ijaarsa manneeniirratti kan hirmaatan ta’us, daragaggoonni kunneen mana akka argatan taasisuuf hojiilee bal’aan akka hafan kaasaniiru.

Manni hojichaas waggoottan 10’n dhufanitti dhaabbilee dhuunfaa, yuunivarsiitiiwwan, dhaabbilee deeggartootaa fi dhaabbilee qo’annoo waliin akka hojjetamuu ibsaniiru.

Waliingahiinsa manneen jireenyaa magaalotaa amma jiru %64 irraa %84tti guddisuufis hojjetama akka jiru ibsaniiru.

Maqidas Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment