Dhiyeessii humna elektirikaa Indaastirii Oomishaaf barbaachisu Kiiloowaatii kuma 255 keessaa kan dhiyaachaa jiru kiiloowaatii kuma 68 qofa ta’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015(FBC)- Dhiyeessii humna elektirikaa Indaastirii Oomishaaf barbaachisu Kiiloowaatii kuma  255 keessaa kan dhiyaachaa jiru kiiloowaatii kuma  68 qofa ta’uu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Ministeerri Indaastirii rakkoolee dhiyeessii humnaan walqabatan waaraan furuuf qaamolee dhimmatootaa waliin mari’ataa jira.

Waggoottan darbanitti indaastiriiwwan oomishaa oomishaalee alaa galan bakka bu’an hedduun hundeeffamuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa biyya alaarraa dhufan keessaa %60 kan ta’an damee indaastirii oomishaarratti bobba’uu kaasaniiru.

Xiyyeeffannoo damichaaf bu’uuraaleen misoomaa guutamuuniifi carraan gabaa jiraachuun abbootii qabeenyaa biyya alaa dabalatee abbootiin qabeenyaa biyya keessaas hirmaannaa cimaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuun rakkoolee jiran furuuf hojii hojjetameen bu’aa olaanaan argamuufi dhiyeessii humna elektirikaa fooyyessuuf hojii hojjetameen dhiyeessii isaa %26 gahuun danda’amuu kaasaniiru.

Dhiyeessiin humna elektirikaa waliigalaa dameen oomishaa barbaadu kiiloowaatii kuma 255 ta’uu eeruun, yeroo ammaa kiiloowaatii kumni 68 qofti dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Haadawwan elektirikaafi tiraanisfoormeriiwwan haala gahaa ta’een oomishuun hojiin oomisha alaa kan biyya keessaan bakka buusuu cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Dameen manufaakchariingii bara darbe % 4.6 guddachuu yaadachiisuun bara kana %10.6 ni guddata jedhamee kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Masaafint Iyyaayyuufi Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment