Dhiyeessii boba’aa Beenzilaa fi Naafxaarratti daballiin oomishaa taasifame

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Dhiyeessii oomisha Beenziinaa irratti hanqina mul’atu hordofee daballiin oomishaa %8 taasifamuu Abbaan Taayitaa Inarjii fi Boba’aa beeksise.

Daayrektarri Olaantuu Abbaa Taayitichaa Saahirallaa Abdullaahii Faanaa Biroodkaastiingi Koorporteet waliin turtii taasisaniin bara 2015 boba’aan meetirik toonii miiliyoona 3.9 raabsamuu yaadachiisan.

Bara baajataa 2016tti boba’aa meetirik tooniin miiliyoona 4.2 akka raabsamu dubbataniiru.

Bara baajataa kanattis Itiyoophiyaatti dhiyeessii oomishaa Beenzinaa irratti hanqina mul’atu hordofee %8, Naafxaa irratti ammoo %5 daballiin oomishaa taasifamuu himaniiru.

Bara 2015 bittaa boba’aaf Doolaarri biiliyoona 4.1 baasii ta’uu kaasanii, itti fayyadama boba’aarratti qusannaa babal’isuuf hojmaannii boba’aa qusachuuf tumsu hojiirraa oolfamaa jiraachuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa Magaalota Finfinnee fi Shaggaritti baatii Adoolessaa eegalee fooyyessi bulchiinsaa fi hojmaataa dirqamaan hojiirraa oolfamaa jiraachuu ibsaniiru.

Baatii Fulbaana 2016 eegalees sadarkaa biyyaalessaatti hojmaanni kun sadarkaa yaaliin akka hojiirraa oolfamuu akeekaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment