Dhiyeessii bishaanii fooyyesuuf Paamponni Bishaanii 34 naannoleef rabsaman

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) –Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dhiyeessa Bishaanii fooyyesuuf Paampoota 34 Birrii miiliyoona 13 oliin bituun naannoleef rabse.
 
Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjiitti Ministir deettaan damee bishaan dhugaatii fi saaniiteeshii Dooktar Nagaash Waageeshoo ministeerichi, Koomishinii Misooma Bishaanii fi deeggartoota misoomaa waliin weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dhiyyeessi bishaanii fooyyeessuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
 
Dooktar Nagaash Iddoolee yaala tursaatti dhiyeessii bishaanii fooyyessuuf hojiin baayy’een hojjetameera jedhan.
 
Paamponni har’a naannoleef rabsaman kunneenis weerara vaayrasii koroonaa qolachuuf tattaaffii taasifamu keessa qaama tokko ta’uu himaniiru.
 
Koomishinarri Koomishinii Misooma Bishaanii Dooktar Bashaa Mogas gama isaaniin, weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf magaaloota hanqina dhiyeessii bishaanii olaanaa qaban 12f Birrii miiliyoona 150n Paampota, Jeneretaroota, ujummoolee fi waliiti hiituu ujommoolee bituuf adeemsarra jiraachuu himaniiru.
Comments (0)
Add Comment