Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)-Nageenyaa fii tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuu ilaalchisee Humna Waloo Nagaaf Tasgabbii eegsisaa irraa ibsa kennameera.
Nageenyaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuuf kan hundaa’e Humni Nageenyaa fi tasgabbii eegsisuu, deeggartootaafii Hawwitoota garee Shororkeessaa ABUT irratti fudhachaa kan jiru tarkaanfii seera qabeessa cimsee itti fufuu beeksisee jira.
Deeggarsi Uummataas cimee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessee jira.
Nageenyaafi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuu ilaalchisee humni waloo nageenyafi tasgabbii haala yeroorratti ibsa kenneera.
Deeggarsi uummataas cimee itti fufuu qaba jedheera. dhimmoota nagaafi tasgabbii Magaalaa Finfinnee qoran irratti tarkaanfii seeraa keessa hin deebine fudhachuu jalqabuus ibseera.
Humni waloo kun waliin hojjachuu isaatin nageenyaafi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuu danda’eera. Gareen Shororkeessaa ABUT kun uummata jeequufi naasisuuf ammas odeeffannoowwan sobaa raabsaa jira jedheera.
Nageenyaafi tasgabbii Magaalaa Finfinnee eegsisuuf humni waloo nageenya fi tasgabbii hunda’ee tarkaanfii seeraa deeggartoota garee shororkeessaarratti fudhachaa jiru cimsee kan itti fufuu ta’uus ibseera.
Garee shororkeessichaa barbaadeessuuf tarkaanfii seeraa mootummaan fudhachaa jiru akka milkaa’uuf hirmaannaan ummata dammaqee murteessaa waan ta’eef, qaamolee mana kireeffatan waliin sosocho’an, deeggartoota garichaa hawaasichi hubatee manneen jireenyaa, mana daldalaa, bakka kuusaa fi konkolaataa namoota kireessitanii fi kireeffattoota dhaabbilee maalummaasaanii xiyyeeffannoon qulqulleessuun odeeffannicha Poolisiif akka beeksisan hubachiiseera.
Dabalataanis sagantichi garee shororkeessichaafi deeggarstootasaa hawaasicha miidhuuf ergama badiisaanii dhugoomsuuf waan ta’eef, uffata seeraa qaamolee nageenyaa garagaraa uffachuun sosocho’uuf karoora akka qaban waan irra gahameef, wantonni kunneen yoo isin qunname dhaabbilee nageenyaafi qaamolee nageenyaa naannoo keessan jirutti akka beeksistan waamichi dhiyaateera.
Hawaasichi haalawwan shakkaman yoo qunname yookiin tajaajila poolisii argachuuf:- 011-1-11-01-11 yookiin sarara bilbila bilisaa 991 yookiin 997 fayyadamuu akka danda’an ibseera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.