Dhimmoota nageenya, tokkummaa fi obbolummaa cimsanirratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetame – Aadde Adaanch Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Kurmaana darbe dhimmoota nageenya, tokkummaa fi obbolummaa cimsanirratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanch Abeebeen ibsan.

Manni Maree magaalaa Finfinnee Yaa’ii Idilee gaggeessaa jirurratti gabaasni raawwii hojii kurmaana 1ffaa dhiyaateera.

Bara 2015 hojii fooyya’aa hojjechuuf qophiin duraa ga’aan taasiifamuu kaasuun, dhimmoota nageenya, tokkummaa fi obbolummaa cimsanirratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsameera.

Diinni ayyaanoota garaagaraarratti miidhaa qaqqabsiif qophii taasiisuus,qindoomina Ummataa, qaamolee nageenyaa fi gurmaa’iinsawwan garaagaraan karoora diinaa fashalaa’uu Aadde Adaanach dubbataniiru.

Dhimmoota daangaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneen walqabataniirratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment