Dhimmoota hariiroo Ityoophiyaa fi Sudaan cimsurratti marii’atame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Dhimmoota hariiroo Ityoophiyaa fi Sudaan cimsurratti marii’atame.

Sudaanitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroo ministeera dhimmaa alaa Sudaanitti Daayreekteera Waliigalaa Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Kihaaliid Faraah waliin marii’taniiru.

Marichaan lammiilee Ityoophiyaa Sudaan jiraataan eeyyama jireenyaa waliin walqabatee rakkina isaan mudatu furuu fi waliin hojjechuurratti Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimiroo gaaffii dhiyeessaniiru.

Ambaasaaddar Kihaaliid Faraah gama isaaniin qaama dhimmi ilaallatu waliin dhimmicharratti hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment