Dhimmoota haala waqtaawaa ilaalchisee Dippiloomaatootaaf ibsi kenname

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa dhimmoota haala waqtaawaa ilaalchisee Dippiloomaatootaa Teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif ibsi kennameera.

Waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti taasiifame ilaachisee hawaasa Dippiloomaatootaa kanneeniif ibsi kannamuu ministeerichi ibseera.

Waliigaltichi filannoo karra galaanaa fi Buufata Itiyoophiyaa kan bal’isu ta’uu Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Ministira Muummee Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsaniiru.

Sanadichi ga’ee Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa eegsiisuuf qabduuf gumaacha olaanaa kan qabuu fi birmadummaa ishee mirkaneessuuf murteessaa ta’uu Ambaasaaddar Reedwaan eeraniiru.

Waliigaltichi Itiyoophiyaaf karra galaanaa fi Buufata argamsiisuu qofa osoo hin taane tumsa daldalaa, Invastimantii , Teeknooloojii, Qonnaa fi Turizimii biyyoota lamaan gidduu jiru kan hammatu ta’uu Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoona Xiimootiwoos Dippiloomaatoota kanneeniif ibsaniiru.

Itiyoophiyaan karaa nagaan karra galaanaa fi buufata akka argattu waliigaltee dandeessisu ta’uu Gorsaan Imaammata Alaa Ministira Muummee Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment